Logo
FastMereja
Magaalaa Shaggaritti shakkamttootni dhadhaa fakkeessuun wantoota garagaraa walitti makuun gabaaf dhiyeessuuf qopheessaa turan eeruu hawaasni qaamolee nageenyaaf kenneen to’annoo jala oolfamaniiru

Shakkamtootni maqaan isaanii 1ffaa Allabbachoo Geetaa, 2ffaa Indaalammaa Waleefi Asmaamoo Walee jedhaman Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Aanaa Tufaa Munaatti mana jireenyaa dhuunfaa kireeffatanii badhaadhina qaxxaamuraa argachuuf dhadhaa fakkeessuun kartooniifi zayitii nyaataa walitti makuun geejjibsiisuuf wayita turanitti Fulbaana 1/2019 Qajeelchi Poolisii kutaa Magaalaa Mana Abbichuu eeruu hawaasa irraa argateen to'annoo jala oolcheera.

Akka Poolisiin kutaa Magaalichaa ibsetti shakkamtootni kunneen wantoota nyaataaf hin oolle waraqaa adii 31, pilaastika magariisa 61 zayita akkasumas kaartoonii 114, baarmeeliiwwan 6 fayyadamuun gabaaf wayita qopheessaa turanitti kan to'ataman yoo ta'u, bakki itti gurgurtaaf dhiyeessuuf turanis Magaalaa Finfinnee bakka addaa "Gojjam barandaa" jedhamutti geejjibsiisuuf wayita turanitti to'atamaniiru.

Haaluma kanaan qaamooleen gareen qorannoo qajeelcha Poolisiifi Abbaa alangaa dhimmicha irratti qorannoo gaggeessuu eegaluun ibsameera.

Hawaasni wayita oomishaalee gabaa irraa bitu qulqullinaafi nageenya mirkaneessuun, odeeffannoo shakkisiisaa yoo argan ammoo qaamolee dhimmi ilaallatuuf hatattamaan beeksisuun gahee isaanii bahachuun murteessaadha.

Shaggar city communication

25 days ago

No replys yet!

Be the first to share what you think — your comment will appear here.